(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 2, 2010) Abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Harargee Dhihaa keeessa sossohu Gurraandhala 18,2010 Ona Bookee Xiqqoo Araddaa lakk.2 bakka Gaara Kolbaa jedhamutti waraana wayyaanee diina ummataa ta’e haleeluun loltoota 7 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 8 ol ta’an ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksise. Lola kana irratti qawweeleen adda addaa 6 hidhannoo guutuu waliin akkasumas rasaasotnii fi qabeenyi adda addaa diina irraa booji’ameera.
Dabballootni wayyaanee kaabinee gandaa jedhamuun ummata nagaa hiraarsaa turan Aadamii fi Bashiir jedhamanis waytuma tarkaanfiin kun fudhatame akka ajjeefaman gabaafameera.
Haaluma walfakkaatuun Gootichi WBO Harargee Dhihaa keessa sossohu Gurraandhala 25,2010 Ona Hawwii Guddinaa bakka Gulufa jedhamutti waraana wayyaanee sakattaa fi ummata hiraarsuutti bobba’e ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 27 yeroo irraa ajjeesu 12 ol madeessuu isaa Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Tarkaanfii kanaan WBOn diina irraa qawwee 8, rasaasota akaakuu adda addaa baay’ee fi qabeenya gara garaa diina irraa dhuunfatuun dantaa QBOf oolchuu isaa Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiiseera.
Waraana wayyaanee dura bu’uun karaa agarsiisuun WBO akka sakatta’anii fi ummata irratti akka roorrisan kan godhan, ofiifis hojii diinummaatti bobba’aa kanneen turan dabballootni wayyaanee 3s tarkaanfii WBOn ajjeefamaniiru. Isaanis Abdulsalaam Ahmed gaafatamaa loogistikii Araddaa 36, Saanii Roobaa abbaa Araddaa 36 fi Kadir miseensa kaabinee kan turanii dha.
Tarkaanfiin waraana qubattuu wayyaanee irratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu kan hubachiise Ajaji WBO Godina Bahaa, adabbiin keessa deebii hin qabne ergamtoota diinaa irratti fudhatame kun ammoo ilmaan Oromoo amma illee mootummaa diina ummata Oromoo ta’eef hiriiruun ummata Oromoo fi qabsoo isaatti gufuu ta’aa jiraniif barmoota ta’uu akka qabu dhaamee jira.
MOA